Yoh. 16 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹² "Ani waan baay'ee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan. ¹³ Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa; inni waan dhaga'u dubbata malee, of keessaa fuudhee hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti in mul'isa. ¹⁴ Dubbii koo keessaa fuudhee waan isinitti mul'isuuf, inni anaaf ulfina in kenna. ¹⁵ Waan abbaan qabu hundinuu kan kooti; kanaafan inni dubbii koo keessaa fuudhee isinitti in mul'isa, jedhee isinitti dubbadhe" jedhe.
@burtukanasefa6069Ай бұрын
Yoh. 14 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁵ Yesus itti fufee, "Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu. ¹⁶ Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna. ¹⁷ Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda'u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu. ¹⁸ Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa. ¹⁹ Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa deebi'ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis immoo jiraachuuf waan jirtaniif na argitu. ²⁰ Gaafas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu. ²¹ Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira" jedhe.