Рет қаралды 1,268
1. Namii jannii jannooma isaa suniin wa dabsatee mirgaan gala. Yo eboo hin sodaatu. Yo gunnaa-ganamaa isaa womaaniti. Nama beelaa fi dheebuulle obsu. Kha duha tuffatee akka Hacaaluu Hundeessaa ila kheessa laalee, “Hi, akkam jirta?” jedhuunilleen kanuma. Nama janna cufa laali adaba isaa. Qaawa namii isaan sablisuun cufa hoddhee ufirraa jaaree akkasiin mataa oli qabata. Atoo fuula gumii duratti dhoffatee waan hin dhukkubsatin ufi fakkeessellee, namii jannaa fi jabaa, kha ceerii hin dhukkubsine hin jiru. Wannii nama jabaallee sodaacchisaa, kha roraasaa, kha halkan bultii dhowwee mana kheessa deemsisaa ceera fuula isaa dura jiru. Wannii haga wallaalaa nama ceersaa ammoo takkee. Wannii haga hubacchaa fi beekhaa mataa oli nama qabacchiisaalleen akkas takkee. An akkanaafuu wannii anin guddoo jaaladdhu hubacchaa, wannii anin akka takkaa hin argin sodaaddhu wallaala.
2. Ebeluun khun soora hin qabu jedhan. Nama womaa lafaa hin fuuneen. Sesseega womaa hin baaneen. Namii qalbiin wa beekhee ammoo hin munnyuundhe hedduu. Dhugaa jiruu ufii kheessatti kharaa bahanii fi waan lafaa fuudhan yo cufa filacchaatuma deeman. Miila lama qabaniif kharaa lama hin bahaniin akkas dhugaa. Ammoo tokko ha taatuu lama, yo fuudhan jabeessanii, fulaa nama sesseegaa tahan nama lubbuu qabu tahuu malan. Wannii tolchan waan dhalchanille tanumaaf jedhan. Namii eegii dhalate ammoo wa dhalchumaa male. Sesseegummaan, sooraa bahiitiin waan akkas na sodaacchisaati. Waan anin jibbu. Haga dandahutti ammoo nama munnyuuqu tahuu fedha.
3. Akka tiittee oowwaa ma kheessa buuta qara namaan jedhan, yo namii fulaa miila dhaabacchuu hin malini miila dhaabate. Jiruu namaa kheessatti namii taraarrii ufii baratee sun gula deemuu male. Eegi nama wa lafaa fuudhu tahaa jedhanii harka hudaanti dhahuu hin malle. Harkaa taahu biraa khama udaaniin guuran wayya jedhanii malee. Dubbiin sii galtiinii ammoo. Fuloo namii bahee guututti jira. Boolla nama malee guutamtutti jira. Jiruu ufii kheessatti namii waan kana lamaan akka aadoo baracchuu male. Anin yo waan kana baraddhe la baraddhe ufiin jedha. Eegii mataan khiyya wallaala na didee wa na barate, eegii nama soora hin qabneenitii nama munnyuuqu tahe, sadeessoon ammoo fulaa munnyuuqee hanqachuu male baracchuu male. Dallansuulleen, gammadilleen, dhabaa fi argacchaalleen, hiyyumaa fi duroomilleen, jibbaa fi jaalaltilleen, yo akka aadoo hin laalini fulaa namii ejjacchuu hin malini nama ejjacchiifti. Akkii namii ila dunuumfatee boolla isa malee guutamtu seenu waan nama sodaacchisaati. Akkii namii fuloo bahee guutu beekhu nama gammacchiifti.